Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbeetti waraanni faashistii PP uummata nagaa hidhuu hammeessanii jiraachuun beekame

ONM-ABO Amajjii 18, 2026 

Godina Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbeetti waraanni faashistii PP gaafa Amajjii 14, 2026 nama maqaan ishee Aadde Qananii Eebbisaa jedhamtu badii tokko malee yakkuun waajjira Poolisii magaalaa Baakkootti hidhanii hiraarsaa jiraachuu jiraattotni himan.

Aadde Qananiin nama hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiyyuu hin qabne hojii dhuunfaa ishee dalagachuun maatii ishee jiraachifattu yoo ta’u, waraanni faashistii PP garuu Waraana Bilisummaa Oromoo deggarta jechuun yakkanii hidhanii hiraarsaa jiru jechuun jiraattotni itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Murni ilmaan Oromoo qe’ee fi qabeenya isaa irratti yakkoota garaagaraa irratti raawwachuu aadeeffatee jiru Bilxiginnaan guyyaa guyyaan golee Oromiyaa cufa keessatti waraana isaa shororkeessummaa leenjisee bobbaasuun uummata nagaa irratti gochawwan gara jabinaan guutameen kan duraan barameen olitti hammeessaa jiraachuun ni mul’ata.

Exit mobile version