ONM-ABO Amajjii 16, 2026
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Raaree ganda Babal’aa jedhamu keessaa Waraanni faashistii PP Amajjii gaafa 13, 2026 nama maqaan ishee Aadde Tirfee Dastaa jedhamtu daa’immaan ishee lakkuu lama kan waggaa fi ji’a sagalii waliin Waajjira Poolisii magaalaa Waayyuutti hidhanii hiraarsaa jiraachuu jiraattotni himan.
Akka jiraattotni himanitti, Addee Tirfee fi ilmaan ishee yakka qabaataniif osoo hin taane sababa abbaan warra ishee humna Ittisaa uummataa WBO’f ta’eef qofa yakkuun qabeenya isaanii guutummaatti saamuun daa’immaan ishee waliin hidhuun hiraarsaa kan jiran yoo ta’u, yeroo darbees loon isaanii ooffachuun qalatanii nyaachuu jiraattotni itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Haalli Addee Tirfeen daa’imman ishee waliin waajjira Poolisii keessatti argaa jirtu akkaan ulfaataa fi yaaddessaa yoo ta’u, rakkoo nyaataa fi dhugaatii akkasumas qorraa ulfaataa keessatti uummata keessaa baafamuun hidhamtee jirti jechuun jiraattotni ijaan argan himuun, murni Bilxiginnaa kabaja ilmaa namaaf qabaachuu dhabuu irraa kan ka’e daa’imman fi haadholii daa’imaa silaa kunuunsi maluuf hidhuun tuffii murnichi saba Oromoof qabu agarsiisa jechuun jiraattotni miira gaddaa fi aariin guutameen dubbatu.
Gareen faashistii kun Roobii dheengaddaa ammoo Lixa Wallaggaa aanaa Laaloo Assaabii ganda Keellayi Birbir jedhamtu keessatti daa’ima baatii 10 rasaasaan rukutanii ajjeesuun barameera.

