Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jimmaa Raareetti waraanni PP maatii qabsaa’ootaa irratti hidhaa fi dararaa hammeessanii jiraachuun beekame

ONM-ABO Sadaasa 2, 2025 

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Raaree ganda Sochoosaa keessatti Onkoloolessa 30, 2025 waraanni Maafiyaa PP nama maqaan ishee Daksisee Beenyaa jedhamtu “Abbaa Warraa Keetu Miseensa WBOti” jechuun hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka maddeen himanitti, Aadde Daksiiseen Yakka dalagde tokkollee osoo hin qabaatiin sababa abbaan warraa ishee miseensa WBO ta’eef qofa waajjira poolisii aanaa Jimmaa Raareetti hidhamuun hiraarfamaa jirti jechuun maddeen itti dabaluun dubbatu.

Aanaa Jimmaa Raaree guutuummaa aanichaa keessatti dararaan murna badii PPn maatii qabsa’ootaa fi sabboontota ilmaan Oromoo irratti irra deddeebbiin raawwachaa jiru daran hammaachuun jiraattotni yaaddoo ulfaataa keessa jiraachuu dubbatu.

Murni maatii qabsaa’ootaa fi sabboontota ilmaan Oromoo irratti xiyyeeffachuun yakkawwan  garaagaraa irratti dalagee akka waan qabsoo Oromoo balleessaa jiruutti of tilmaamu Bilxiginnaan, golee Oromiyaa cufa keessatti irra deddeebbiin gochawwan  sukkanneessoo maatii qabsaa’ootaa irratti raawwachaa jiraachuun ni mul’ata.

Exit mobile version