ONM-ABO Onkoloolessa 25, 2024
Golee Oromiyaa cufa keessatti waraanni Bilxiginnaa maqaa sakattaa Waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun saayinsii fi naamusa waraanummaa tokko malee bobbaafamuun yeroo hunda uummata nagaa “hidhata WBO qabdu” maqaa jedhuun reebuu, hidhuu, saamuu, ajjeesuu, qe’ee fi qabeenya isaa barbadeessuu itti fufanii jiru.
Onkoloolessa 21, 2024 waraanni maafiyaa impaayerattii aanaa Jimmaa Raaree ganda Jaarraa Sumboo jedhamu keessaa “abbaa keessantu miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti” maqaa jedhuun miseensota maatii tokko keessaa namoota torba kanneen maqaan isaanii:
- Boonsaa Tarreessaa,
- Amanuu Tarreessaa,
- Gammannee Tarreessaa,
- Bilisee Tarreessaa,
- Tolasaa Tarreessaa,
- Daa’ima harma hootu Ooroo Tarreessaa fi
- Haadha ijoollee kanaa kan taate aadde Abbaluu Abdataa badii tokko malee qabuun mana hidhaatti darbatanii hiraarsaa kan jiran yoo ta’u, dabalataan ammoo qabeenya isaanii sa’a hameessa torba waatii waliin akkasumas gaangee tokkoo fi harree tokko jalaa fudhatanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Kana malees, ganduma kana irraa guyyuma kana maqaa “obboleessa keetu miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti” jedhuun dargaggoo maqaan isaa Iddoosaa Dirribaa jedhamu badii tokko malee qabanii waajjira poolisii aanaa Jimmaa Raareetti hidhuun dabalataan ammoo, qabeenya maatii isaa kan ta’e sa’a hameessa tokko waatii ishee waliin jalaa fudhatanii kan jiranii fi armaan duras haadha dargaggoo kanaa nama maqaan ishee aadde Zabbanuu Abarraa jedhamtu ‘mucaa keetu miseensa WBO’ti” jechuun aanichatti hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen keenya itti dabaluun eeraniiru.

