Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Begii keessatti waraanni Bilxiginnaa uummata nagaa hidhuu fi saamuu yoo jabeessan, Aanaa Gimbiitti ammoo maatii qabsaa’otaa doorsisan

ONM-ABO Muddee 17, 2024 

Impaayera Itiyoophiyaa keessatti Oromoo ta’anii dhalachuu isaanii qofaaf ilmaan Oromoo guyyuun akka bineensa bosonaatti adamfamuun har’allee badii isaanii malee yakkoonni garaa garaa irratti raawwatamaa jira.

Muddee 13, 2024 waraanni sirna dhableessi impaayerattii aanaa Begii ganda Abshaala Diinqaa fi Foongoo Waabaraa keessaa namoota maqaan isaanii:

  1. Ramadaan Tarreessaa,
  2. Abdurumaan Abdullaay,
  3. Tawakkal Alkanoo,
  4. Nagaasaa Mikaa’elii fi
  5. Jaabir Mikaa’el jedhaman badii tokko malee mana hidhaatti darbachuun hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabnee fi waraanni sirnichaa garuu sababa “Waraana Bilisummaa Oromoo nyaachistu” jedhu itti maxxansuun hidhuu himuun, isaan keessaa Tawakkal Alkanoo kan jedhamu ammoo mana barnootaa keessaa ukkaamsuun isas hidhaatti darbachuu dubbatu.

Kana malees nama maqaan isaa Zaakir Tafarii jedhamu ammoo maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabda” jedhuun qarshii 20,000 saamuu maddeen himan.

Godinuma kana aanaa Gimbii bulchiinsa magaalaa Gimbii keessatti ammoo Muddee 15, 2024 waaree booda sa’a 8:00’tti maatii qabsaa’otaa magaalaa Gimbii keessa jiraatan ganda 03’tti waltajjii waamuun yeroo murtaa’e gidduutti dafaatii haala isiniif dandaa’ameen ijoollee keessan galfadhaa jechuun doorsisaa kan turan ta’uu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.

Exit mobile version