Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Begii keessatti waraanni goolessituun Bilxiginnaa hawaasa nagaa ajjeesuu akkuma itti fufanitti jiru

ONM-ABO Amajjii 8, 2025 

Goleewwan Oromiyaa cufa keessatti waraanni goolessituun PP sababoota garaa garaa wabeefachuun ilmaan Oromoo badii tokko malee maqaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo waliin qabdu” jedhuun akka bineensa bosonaatti adamsee ajjeesuu, hidhuu fi saamuun dararaa jira. 

Aanaa Begii ganda Haroo Kobbaree keessatti loltoonni impaayera bututtuu suphuuf ifaajan qonnaan bulaa Oromoo maqaan isaa Abdulqaadir Abbashuu Bulchoo jedhamu Muddee 31, 2024 mana jireenyaa isaatii ukkaamsanii qabuudhaan Amajji 1, 2025 gara aanaa Qondaalaa ganda Fargaashii jedhamutti geessanii rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu jiraattonni gandicha ONM’tti himaniiru. 

Akka maddeen keenya jedhanitti, qonnaan bulaan kun abbaa ijoollee 3 kan ta’ee fi nama nagaa hojii qonnaa qotuun maatii isaa jiraachisu yoo ta’u, akkasumas hariiroo dhaaba siyaasaa tokkollee kan hin qabne ta’uu dubbatu.

Exit mobile version