Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Jaarsoo keessatti waraanni goolessituun PP dargaggoo tokko irratti ajjeechaa suukkaneessaa raawwatan

ONM-ABO Amajjii 21, 2025 

Dargaggoota abdii borii ta’an karaatti hudhee kutuun waan umuriin aangoo isaa dheeratu kan itti fakkaatu murni garboomfataan impaayerattii addatti dargaggoota Oromoo irratti xiyyeeffachuun maqaa adda addaan yakkee hidhaa hanga ajjeechaatti dararaa hamtuu geessisaa jira. 

Godina Lixa Wallaggaa  aanaa Jaarsoo ganda Hidhabuu Dhagaa jedhamu keessatti loltoonni sirna nama nyaataan PP Amajjii 18, 2025 dargaggoo maqaan isaa Dinqaa Badhaasaa Bayyanaa jedhamu badii tokko malee akka bineensa bosonaatti gara laafina tokko malee rasaasa itti roobsanii ajjeesuu isaanii jiraattonni gandichaa ONM’tti himaniiru. 

Dargaggoo Dinqaan siyaasa kam keessatti illee hirmaannaa kan hin qabnee fi barataa kutaa 6’ffaa kan ta’e yoo ta’u, barnoota isaa kan hordofu badii tokko malee sababa Oromummaa isaa qofaaf loltoonni Bilxiginnaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jechuun haala suukkaneessaa ta’een rasaasa itti roobsanii ajjeesuu jiraataan gandichaa yaaddoo nageenyaaf maqaan isaa akka dhahamu hin feene tokko gabaase. 

Akkuma aanichaatti yakkoonni gara jabinaa hedduun uummata irratti raawwachaa kan jiruu fi jiraattonni hedduun ukkaamfamuun achi buutee dhabamsiifamaa jiraachuun dabalataan ibsameera.

Exit mobile version