ONM-ABO Amajjii 24, 2025
Qaamota garaa garaa hidhannoo meeshaa waraanaatiin teessoo impaayerattii raasaa jiran lolee of irraa qolachuu dadhabuun faallaa kanaa aangoo qabu uummata irratti agarsiisuun qe’ee isaatti saamtotaa fi goolessitoota waraana isaa itti duulchisuun jiruuf jireenya saba Oromoo barbadeessaa kan oolu faashistichi abbaa irree impaayerattii Bilxiginnaan guyyaa dhufee darbuun mana isaa irratti gubuun, hidhuu, ajjeesuu fi saamuun ilmaan Oromoo cufa jiruu gadadoof saaxilaa jira.
Godina Lixa Wallaggaa aanaa Jaarsoo ganda Odaa Gaanqaatti Amajjii 22, 2025 nama maqaan isaa Obbo Fiqaaduu Namarraa jedhamu abbaa ijoollee lamaa kan ta’e badii tokko malee rasaasa itti roobsanii ajjeesan. Obbo Fiqaaduun nama siyaasa kam irraayyuu bilisa ta’uun, maatii isaa qonna qotee jiraachifatuudha jechuun jiraattoonni ONM’f qoodaniiru.
Bifuma wal fakkaatuun godinuma Lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu ganda Giddaa Geebootti Amajjii 22, 2025 Dargaggoo Amanu’eel Tashoomaa jedhamu badii tokko malee rasaasa itti roobsuun gocha suukkanneessaa irratti rawwachuun ajjeesan. Dargaggoon Kunis siyaasa kamirraayyuu bilisa yoo ta’u qonna qotee maatii isaa kan jiraachisu ta’uu maddeen dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

