Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Jaarsootti waraanni impaayerattii dargaggeessa tokko ajjeesuun namoota nagaa irratti reebicha raawwachuun barame

ONM-ABO Caamsaa 30, 2025 

Bobbaa fi galli isaanii hammeenyaa fi gara jabeenya daangaa darbeen kan guute ergamtoonni koloneel Abiy Ahimed ilmaan Oromoo irratti dararaa ulfaataa fi ajjeechaa suukkanneessaa raawwachaa jiran hamneessuun Lixa Wallaggaa aanaa Jaarsoo ganda Geedoo Arangamaa bakka addaa Kellii jedhamutti Caamsaa 27, 2025 dargaggoo umurii 20 maqaan isaa Surraa Qarsee Goobanoo jedhamu tiksitoonni impaayerattii mana maatii isaatii qabuun gaaffii seeraa tokko malee rasaasa itti roobsanii ajjeesuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf gabaasanii jiru.

Akka maddeen naannichaa ONM’f ibsanitti dargaggoo Surraan hojii dhuunfaa isaa irratti bobba’uun ofii fi maatii isaa hojjetee jiraachisuu malee hariiroo qaama siyaasaas ta’e deggersaa fi mormii paartii dhaaba kamii irraayyuu walaba ta’uu kan himuun, ergamtoonni fi leellistoonni sirna dhableeyyiin ergama murna tokkoo qofa milkeessuu fi barcuma namtokkee tiksuuf ifaajan maqaa obboleessa keetu hidhatee WBO keessa jira jedhuun sababa isa hin ibsineen gara siyaasaatti harkisanii akka ajjeesan ONM odeeffateera.

Kana malees guyyaadhuma kana gandicha keessatti nama nagaa maqaan isaa Obbo Naggasaa Eebbisaa jedhamu osoo inni baabura isaa daaksisaa jiruu olitti seenanii qabuun reebicha ulfaataa kan irratti raawwatan yommuu ta’u, dabalataanis haadha warraa Obbo Jiraa Habtee kan maqaan isaanii ammaaf adda hin baane irrattis reebicha hamaa raawwachuun yeroo ammaa haalli fayyummaa harmee kanaa yaaddessaa ta’uus itti dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version