Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Qilxuu Kaarraa fi Lataa Sibuu keessatti loltoonni Bilxiginnaa qonnaan bulaa tokkoo fi dargaggoo tokko irratti ajjeechaa suukkanneessaa raawwachuun himame

ONM-ABO Fulbaana 18, 2025 

Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa ganda Talaamsoo Dambii keessaa Fulbaana 15, 2025 waaree booda toora sa’atii 11:00’tti waraanni sirna nama nyaataa PP qonnaan bulaa maqaan isaa Baajuraa Mangistuu jedhamu badii tokko malee qe’ee fi maatii isaa irraa ukkaamsanii erga deemanii booda rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, qonnaan bulaan kun abbaa daa’ima tokkoo akka ta’ee fi hojii qonnaa malee siyaasa tokkollee kan hin hordofne ta’uu himuun, ergamtoonni sirnichaa garuu sababa sobaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhu itti maxxansanii ajjeesuu dubbatu.

Kana malees, godinuma kana aanaa Lataa Sibuu ganda Sombo Sadan Giittan keessaa Fulbaana 14, 2025 gara jabeeyyiin loltoota Bilxiginnaa kunneen maqaadhuma hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda jedhuun dargaggoo ganna 20 tokko nama maqaan isaa Gaaddisaa Indaargee jedhamu badii tokko malee rasaasa itti roobsuun haala suukkanneessaa ta’een ajjeesanii jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Dargaggoo ol-adeemaa abdii biyyaa ta’e kana namni ajjeeses milishaa Bilxiginnaa kan ta’e nama maqaan isaa Yoonaattaa Fiqaaduu jedhamu yoo ta’u, bakki dhaloota isaa Lixuma Wallaggaa aanaa Najjoo ganda Somboo Dooraa ta’uun ibsameera.

Exit mobile version