Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa keessatti waraanni maafi’aa PP namoota sadii ajjeesuun, dunkaana tokko saamuu jiraattotni dubbatu 

ONM-ABO Amajjii 2, 2024

Gara-jabeenyi murni bilxiginnaa qonnaan bultoota Oromoo dachee isaanii irratti,gaaffii seeraa fi adaba mana murtii malee raawwataa jiru, seenaa bara Minilikii fi abboota irree darbanii ol yoo ta’e malee isaa gad Kan hin taane,yeroo ammaa jabdummaa qaban hawaasa harka duwwaatti agarsiisuun qe’ee isaanii irratti akka horiitti waraanni maafi’aa PP gorra’aa jiraachuun jabaatee jira.

Haaluma kanaan Wiixata Amajjii 1, 2023 lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa ganda Daandii Guudii bakka addaa Kolfee jedhamutti ganama suubii bakka dargaggootni sadii bulan deemuun waraanni kunneen namoota maqaan isaanii: Ifaa Tashoomaa, Hordofaa Taaddasaa fi Amaanu’eel Olaanaa jedhaman qabuun magaalaa Kolfee keessatti rasaasa itti roobsuun akka ajjeesan jiraattotni ONMtti himaniiru.

Dabalataanis oduu saamichaan wal qabatuun aanuma Qilxuu Kaarraa ganda Buukee Akkachee keessatti Muddee 31, 2023 waraanni faashistii PP quubsuma magaalaa Qilxuu Kaarraa irraa ka’uun sochii isaanii gara gandichatti Waaree booda gochuun dunkaana dargaggoo maqaan isaa Raggaasaa Bulaa Duumessoo jedhamu qabeenya tilmaama qarshii kuma dhibba tokkoo fi shantamaa olii keessaa saamuun gara magaalaa Qilxuu Kaarraatti akka deebi’an beekameera.

Exit mobile version