ONM-ABO Fulbaana 16, 2025
Godina Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa ganda Talamsootti kaleessa Fulbaana 15, 2025 waraanni maafiyaan PP namoota sadii bakka tokkotti ajjeesuu maddeen himan.
Namoonni ajjeefaman kunneenis maqaan isaanii:
- Asaffaa Taaddasaa,
- Bashaa Namarraa,
- Sanyii Talaamsoo
kanneen jedhaman bakka tokkotti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii deemuu maddeen Arraata Biyyooleessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Akka maddeen himanitti, namoonni ajjeefaman kunneen yakka dalagan qabaataniif osoo hin taane sababa gareen Bilxiginnaa jalatti barcuma eeguuf bobbaafaman sababa Oromoo ta’aniif Warana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabdu jechuun ajjeesuu dubbatu.
Murni Bilxiginnaa duguggaa sanyii saba Oromoo irratti labsuun golee Oromiyaa cufa keessatti umrii fi saalaan osoo hin qoodin qe’ee fi qabeenya isaanii irratti badii tokko malee jumlaan ajjeesaa jiraachuun ni beekama.

