ONM-ABO Muddee 21, 2024
Bara gara aangoo impaayerrattiitti dhufee kaasee Oromummaadhaan kan diinomfate guddisi ilmaan nafxanyootaa koloneel Abiy Ahimed goolessitoota waraana isaa goleewwan Oromiyaa cufa keessatti bobbaasuun gochoota suukkaneessoo dhageettiif gurra namaatti hin tolle ilmaan Oromoo irratti raawwachiisaa jira.
Duguugiinsa sanyii wal irraa hin cinne Oromoo irratti raawwachiisaa kan jiru bilxiginnaan saamtota ergamtoota isaa qe’ee Oromoo mara keessatti bobbaasuun saamicha, hidhaa, ajjeechaa jumlaa fi gubaatii manneen uummataa irratti hammeessuun jireenya gadadoof sabicha saaxilaa jira.
Haaluma kanaan tiksitoonni impaayerrattii Muddee 19, 2024 halkan keessaa toora 8:00’tti aanaa Qilxuu Kaarraa mooraa faashistii PP ganda Guyyoo Daallee irraa gara aanaa Lataa Sibuutti bobba’uun ganda Giddaa Buundii jedhamu keessatti mana cidhaa Obbo Lalisaa Waaqgaarii jedhamu keessaa namoota hirmaannaa cidhaarra jiran namoota 27 ukkaamsuun gara aannaa Qilxuu Kaarraa ganda Guyyoo Daallee iddoo addaa Laga Daallee jedhamutti namoota 5 guyyaa kaleessa Muddee 20, 2024 ganama bakka tokkotti haala suukkanneessaan yoo ajjeessan namoota 22 ammoo hidhaatti galchanii dararaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.
Namoonni ajjeefaman kunneenis maqaan isaanii:
- Malaakuu Faqqadee dhalataa aanaa Qilxuu Kaarraa ganda Guyyoo Daallee
- Gammadaa Malaakuu aanaa Lataa Sibuu ganda Giddaa Buundii
- Yaa’iqoob kabbadaa aanaa Lataa Sibuu ganda Giddaa Buundii
- Dassee Indaaluu aanaa Lataa Sibuu ganda Aggoo
- Firoomsaa Ibraahim aanaa Lataa Sibuu ganda Giddaa Buundii irraa qabamuun akka ajjeefamanis ifoomeera.

