ONM-ABO Caamsaa 6, 2025
Goolessitoonni waraana Abiy Ahimed hawaasa Oromoo dararuu itti fufuun godina Baha Shaggar aanaa Fantaallee ganda Ilaalaa jedhamu keessatti caamsaa 4, 2025 uummata nagaa badii tokko malee maqaa “ilmaan keessantu miseensa WBO ta’uun nutti dhukaasaa jira” jedhuun dhiiraaf dhalaa, xiqqaaf guddaa osoo hin jedhin jumlaan walitti qabuun hidhanii dararaa jiraachuu jiraattoonni Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himanii jiru.
Namoota haala kanaan walitti qabamuun hidhamanii guyyaa aduu fi halkan qorra keessa teessifamuun gidirfamaa jiran keessaa kanneen maqaa arganne:
- Boruu Hulloo,
- Jamaal Barcoo,
- Usmaanoo Hasanoo,
- Gadarraa Boruu fi
kanneen biroo maqaan isaanii ammaaf adda hin baane hedduun kan keessatti argaman yoo ta’u, namoonni kunneen balleessaa tokkollee osoo hin qabaatin maqaa maatii qabsaa’otaati jedhuun hidhamanii reebichaa fi hiraarfamni ulfaataan loltoota Abiy Ahimediin irratti taasifamaa jiraachuu addeessaniiru.
Gareen garboomfataan sabootaa fi Sab-lammoota ukkaamsee bulchuun beekamu kun, bu’uuruma hundeeffame irraa eegalee sirna bulchiinsa addunyaa irraa adda kan ta’ee fi lammiilee biyyattiif gaarummaa tokkollee yaadee kan hin beekne keessattuu ammoo addatti saba Oromoo irratti xiyyeeffachuun ilmaan Oromoo lafa irraa duguugee Oromummaa cabsuuf jaleewwan garaa isaaniif bitamanii ergama isaa milkeessan bobbaasuun gochoota badii fi sarbamiinsa mirgaa raawwachiisaa jira.

