• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Baha Shaggar Aanaa Fantaallee Keessatti Murni PP jumlaan uummata hidhaatti guuruun ibsame 

May 6, 2025

ONM-ABO Caamsaa 6, 2025 

Goolessitoonni waraana Abiy Ahimed hawaasa Oromoo dararuu itti fufuun godina Baha Shaggar aanaa Fantaallee ganda Ilaalaa jedhamu keessatti caamsaa 4, 2025 uummata nagaa badii tokko malee maqaa “ilmaan keessantu miseensa WBO ta’uun nutti dhukaasaa jira” jedhuun dhiiraaf dhalaa, xiqqaaf guddaa osoo hin jedhin jumlaan walitti qabuun hidhanii dararaa jiraachuu jiraattoonni Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himanii jiru.

Namoota haala kanaan walitti qabamuun hidhamanii guyyaa aduu fi halkan qorra keessa teessifamuun gidirfamaa jiran keessaa kanneen maqaa arganne:

  1. Boruu Hulloo,
  2. Jamaal Barcoo,
  3. Usmaanoo Hasanoo,
  4. Gadarraa Boruu fi 

kanneen biroo maqaan isaanii ammaaf adda hin baane hedduun kan keessatti argaman yoo ta’u, namoonni kunneen balleessaa tokkollee osoo hin qabaatin maqaa maatii qabsaa’otaati jedhuun hidhamanii reebichaa fi hiraarfamni ulfaataan loltoota Abiy Ahimediin irratti taasifamaa jiraachuu addeessaniiru.

Gareen garboomfataan sabootaa fi Sab-lammoota ukkaamsee bulchuun beekamu kun, bu’uuruma hundeeffame irraa eegalee sirna bulchiinsa addunyaa irraa adda kan ta’ee fi lammiilee biyyattiif gaarummaa tokkollee yaadee kan hin beekne keessattuu ammoo addatti saba Oromoo irratti xiyyeeffachuun ilmaan Oromoo lafa irraa duguugee Oromummaa cabsuuf jaleewwan garaa isaaniif bitamanii ergama isaa milkeessan bobbaasuun gochoota badii fi sarbamiinsa mirgaa raawwachiisaa jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading