Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Shaggar Aanaa Fantaalleetti waraanni murna Bilxiginnaa horii uummataa irratti saamicha gaggeessuun dhaga’ame

ONM-ABO Fulbaana 22, 2025 

Sirni qabeenya uummata irratti saamicha gaggeessuuf humna waraanaa kuufachuun afaan qawween uummata goolaa jiru Bilxiginnaan guyyaa guyyaatti hawaasa nagaa saamuun hiyyummaaf saaxiluu hammeessuun, Fulbaana 19, 2025 Baha Shaggar aanaa Fantaallee gandoota akka Dheebitii fi Haroo Qarsaa keessatti maqaa sakkatta’a WBO jedhuun bobba’uun re’oota uummataa hedduu saamanii jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Namoota re’ootni jalaa saamame keessaa kanneen maqaa arganne: 

  1. Boruu Roobaa,
  2. Fantaallee Wadaayi,
  3. Hawee Jiloo,
  4. Hawaas Boruu,
  5. Roobaa Daduu,
  6. Boruu Bulgaa,
  7. Bulgaa Fantaallee fi kanneen biroo akka ta’an jiraattotni ibsaniiru.

Murni Bilxiginnaa aanaa Fantaalleetti humna waranaa guddaa bobbaasuun gandoota hedduu keessaa uummata godaansisaa fi doorsisaa jiraachuu kanaan dura gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

Exit mobile version