ONM-ABO Sadaasa 19, 2024
Murni abbaa irree hawaasa nagaa badii tokko malee maqaa deggertoota WBO’ti jedhuun waraana isaa naamusa hin qabne itti bobbaasuun hawaasa harka duwwaa halkanii fi guyyaa adamsee saamicha, hidhaa fi ajjeechaan qe’ee isaanii goolaa jira.
Sanbata darbe Sadaasa 16, 2024 Baha Shaggar aanaa Fantaallee ganda Saaraa Weebaa keessatti beelladoota uummataa hedduu qalachuun maatii hedduu hiyyummaaf saaxilanii jiru.
Fantaallee lafa tuuriizimii goona jechuun holola oofan keessatti faallaa isaa saamicha irratti bobba’uun:
- Hasan Boruu Niinnii jalaa re’ee 1,
- Ahimed Odaa Roobaa jalaa re’ee 1,
- Sa’idoo Tukkee Filee jalaa re’ee 2,
- Mahaammad Wadaay Doobbaa jalaa re’ee 1,
- Aliyyoo Daduu Hamdii jalaa re’ee 1 humnaan irraa fuudhanii qalachuun barameera.
Murni faashistii PP jennata lafa irraa qe’ee uummata Oromoo Fantaallee abbootii gadaa kudhanootaan fixee gaafatama itti hin fudhanne keessatti goyyomsaa geggeessaa jiru keessatti, uummataaf misooma argamsiisuun hafee isa inni misoomsate iyyuu akka inni hin fayyadamneef irraa saamaa fi gubaa jiraachuun ni beekama.

