Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Shaggar aanaa Fantaallee keessatti loltoonni murna Bilxiginnaa manaa fi qabeenya maatii qabsaa’otaa gubuu fi barbadeessuu jabeessanii itti fufan

ONM-ABO Sadaasa 12, 2025 

Godina Baha Shaggar aanaa Fantaallee gandoota garaagaraatti loltoonni maafiyaa PP kan murni bilxiginnaa humnaan walitti qabuun sirna dhablummaa leenjisee bobbaase kaleessa Sadaasa 11, 2025 waaree booda loltoonni maafiyaa PP manaa fi qabeenya maatii qabsaa’otaa gubuu fi barbadeessuu jabeessanii akka itti fufan jiraattonni Arraata Biyyoolessaa Oromiyaatti himan.

Haaluma kanaan ganda Haroo Qarsaa bakka addaa Calalaqxuu jedhamutti “isin maatii qabsaa’otaati” ittiin jechuun namoota nagaa jireenya dhuunfaa isaanii geggeeffachuuf horii kanneen akka gaala, re’ee fi loon horsiisuun jiraatan obbo Abdoo Hawaas Boruu fi namoota biroo walumaa galatti mana digdama kan ta’u waaree booda mana isaaniitti dhaquun gubanii qabeenya isaaniis jalaa barbadeessanii akka deeman jiraattonni gandichaa ONM’f eeraniiru .

Itti dabaluun aanaadhuma kana ganda dheebitii jedhamutti loltoonni Bilxiginnaa nam-tokkee barcuma irra tursiisuuf halkanii fi guyyaa ilmaan Oromoo nagaa dararuu amaleeffatan nama maqaan isaa Obbo Wadaay Gobbuu fi kanneen biroo walumaagalatti mana shan jalaa gubuun qabeenya isaaniis tokkollee osoo hin hambisin gara jabummaan barbadeessanii akka deeman jiraattonni gandichaa addeessaniiru.

Murni Bilxiginnaa waan qabuu fi waan gadi dhiisu dhabuun namoota siyaasa irraa walaba ta’anii fi quunnamtii WBO hin qabne sababa Oromummaa isaaniif qofaaf Oromiyaa bakkeewwan garaagaraatti mana isaanii irratti gubuu, hidhuu fi ajjeechaa irratti raawwachaa ooluun ni beekama.

Exit mobile version