ONM-ABO Bitootessa 2, 2025
Waanti inni qabee gadi dhiisu jalaa badee burjaaja’aa kan jiruu fi harka kennachuun alatti furmaata biroo kan hin qabne Abiy Ahimed, yeroo ammaa kanas abdii kutannaa isa dhumaa keessa seenuun balleessee baduu filannoo isa taasifachuun loltoota isaa kan durii caalaa hedduminaan goleewwan Oromiyaa cufatti bobbaasuun duula duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti raawwachuu jabeessanii itti fufanii jiru.
Aanaa Dugdaa ganda Gamoo daraaraa irraa Gurraandhala 27, 2025 milishoonni Bilxiginnaa “ijoollee keessan bosonaa galchaa” jechuun maatii qabsaa’otaa jumlaan mana hidhaatti guuranii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti kan himan yoo ta’u, haalli akkasii nagaa buusa osoo hin taane hojiin Bilxiginnaa harkaa baduu mul’isa.
Kana malees, aanichuma ganda Tuchii Sumayaan jedhamu keessaa ammoo guyyaadhuma kana Abbuu Gadaa fi Abbulee Haroo namoota jedhaman maqaa “Dabballee Waraana Bilisummaa Oromooti” jedhuun mana jireenyaa isaanii qabeenya hunda waliin ibidda itti shiduun jalaa barbadeessanii jiraachuu maddeen itti dabaluun eeranii jiru.

