Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Duula Sirni faashistii Abiy Ahimed Lixaa fi Giddugala Oromiyaatti xiyyeeffachuun geggeessaa jiru lubbuu namoota nagaa galaafachaa jira

Duula Sirni faashistii Abiy Ahimed Lixaa fi Giddugala Oromiyaatti xiyyeeffachuun geggeessaa jiru lubbuu namoota nagaa galaafachaa jira.

ABO – WBO – Muddee 30, 2022 Duula xumura hin qabnee fi yeroo itti qophaa’etti maqaa sakattaa WBO moggaafachuun geggeessaniin ajjeecha suukaneessa raawwachaa jiru.

Ajjeecha qe’ee isaa irratti itti dhufe ofi irraa lolaa kaan mala argatetti dhimma bahuun lubbuu isaa oolfachaa jira.

Mudde 28, 2022 Lixa Shaggar aanaa Ilfataa ganda Somboo cittuu bakka addaa Qaalee kan jiraatu obbo Abbabaa Dabarshaa namoota gootummaan roorroo qe’ee isaatti dhufte osoo qolatuu lubbuun darbite keessa nama tokko.

Waraanni saamichaa fi dararaa uummataaf bobba’e qe’ee isaatti marsuun qabeenya saamuu fi gubuu yoo eegalan qabeenya kiyya dhiisaa yoo jedhuun gara inni dhokatee jirutti marsuun isa qabuuf yoo yaalan qawwee duubatti hafaa qabuun dhukaasa itti bane.

Akka gabaasni keenya ganda Somboo Cittuutii Arraata Biyyoolessa Oromiyaa qaqabe ibsutti walitti dhukaasa kana keessa ergamtuu humna diina fuutee deemtuu fi bulchaa ganda Giccee kan ture Balaay kan jedhamuu fi waraana sirnichaa sadi ajjeesuun hanqina rasaasaatiin dhuma irra wareegame.

Obbo Abbabaa Dabarsaa nama yeroo dheeraa fi quuqama saba isaa qabaachuun dararaa argaa turedha.

Filannoo EPRDF bara 2015 irratti Paartii koongiresii Federaalistii Oromoof taajjabaa turuu hiriyoonni isaa ni himu.
Aanaalee Amboo, Ilfataa fi Cobiitti hayyuu cimaa nama wal lole araarsuun, waldhabdee hambisuun hojii jaalatamaa hojjetanis ture.
Sababa kanaan hawaasa fi maatii isaanii keessatti jaalalaa fi kabaja guddaa qabaachuu hiriyoota isaa wabeeffachuun maddi keenya himeera.

Obbo Abbabaan tajaajilaa Waldaa amantii Piroteestaatii yoo ta’an abbaa ijoollee 10ti.

Haga gabaasni kun qindaa’etti sababa waraana pp tiin reenfallee kaafatanii awwaallachuu akka hin dandeenye maddi keenya himeera.

Kana malees guyyuma wal fakkaataatti aanaa Ilfataa ganda Hidhabuu Sandii bakka addaa Hidhabuutti waraanni kallattii aanaa Amboo irraan gara aanaa Ilfataatti yaa’u qotee bulaa Oromoo obbo Tesfaayee Qurxaa kan jedhaman ajjeesanii jiru.

Obbo Tesfaayeen qotee bulaa dhimma jiruu isaa malee hammeenya biraa hin qabne yoo ta’u lafa qonnaatii osoo galaa jiru daandii irratti itti dhufuun ajjeesanii bira darban.

Obbo Tesfaayeen abbaa ijoollee 7 yoo ta’u nama maatii fi hawaasa isaa biratti jaalala malee jibba hin qabneedha.

Exit mobile version