Lixa shagar ona Dirree Incinnii keessatti waraanni faashistii Abiy Ahimed dargaaggoo tokko ajjeesuu isa jiraattootni dubbatan.
ONM-ABO Hagayya 31, 2022 Gareen maafi’aa bilxiginnaa ilmaan Oromoo ajjeessuu, hidhuu, qe’ee fi qabeenya isaa irraa buqqisee umrii aangoo isaa dheereffaachu barbaadu kutaalee Oromiyaa mara keessaatti ilmaan Oromoo akka bineensaatti adamsee ajjeesuu itti fufee jira.
Haaluma kanaan lixa Shaggar aanaa Dirree Incinnii ganda Naannoo Jadduu jedhamu keessaatti guyyaa dheengaddaa jechuun Hagayyaa 29, 2022 dargaaggoo maqaan isaa Misgaana Sobboqaa jedhamu osoo inni magaalaa Dirree Incinnii irraa mana maatii isatti gala jiru bakka adda Koolleejjii BLTOtti waraanni nama nyaataan PP ajjeesanii gatuu jiraattootni onaa Dirree Incinnii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniru
Dargaaggoo Misgaanaa Sobboqaa jedhamu kun maatiin isaa harka qalleeyyii waan ta’anif hojii guyyaa hojjechuun ofi fi maatii isaa kan taajajilaa ture yoo ta’u, nama siyaasa kam keessaayyuu qooda hin qabnee fi badii tokko malee ajjeffamee jechuun jiraattootni miiraa ariitiin komii kaasaa jiru.
Akka jiraattota ona Dirree Incinnii Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise jedhanitti sirni nama nyaataan kun wareegama ilmaan Oromoo qaaliin kafalaa turaniin bu’aa argame butee gara aangootti kan dhufe waggoottan arfan kana keessatti lubbuu namoota nagaa hedduu nu jalaa waan galafatee fi ammas itti jira waan ta’eef tokkummaan falmannee sirna cunqursaa kana ofirraa darbuu qabna jechuun yaada isaanii ibsataniiru.

