Godina lixa Shaggar aanaa Dirree Incinnii keessatti namootni nagaan saddet (8) bakka tokkotti waraana murna faashistii Itoophiyaatiin ajjeefaman.
ONM – ABO – Amajjii 6, 2023 Murni faashistii Itoophiyaa lola impaayerattii suphuuf WBO waliin taasisaa jiru keessatti, waraana bilisummaa Oromoo dura dhaabbachuu waan dadhabeef gara uummata nagaatti fuula deeffachuun maqaa WBOtiin uummata nagaa kumaatamaan ajjeesaa kan jira.
Haaluma kanaan gaafa Muddee 31, 2022 waraanni faashistii Itoophiyaa bakka waraanni bilisummaa Oromoo jiru nutti himuu diddan jechuun godina lixa Shaggar aanaa Dirree Incinnii ganda Muunyoo Basharuu keessatti namoota nagaa saddeet bakka tokkotti rasaasa itti roobsuun ajjeesan.
Namoota badii tokko malee waraana faashistii Itoophiyaatiin ajjeefaman kana keessa maanguddoo umriin isaanii ganna 70 akkasumas shamarreen ganna 15 daa’imni kutaa 5ffaa barattu kan keessatti argaman yoo ta’u, namoonni kun bineeyyii ilmoo namaaf naasuu tokkollee hin qabneen ajjeefamuun himameera.
Namootni ajjeefaman kunneen, Damisee Makuraa, Dajanuu Baay’isaa, Asnaaquu Ayyaanaa, Burtee Abiyoot, Galaanaa Diroo, Jaallannee Taammiraat, Milkeessaa Tesfaayee fi Eebbisaa Tuujubaa kanneen jedhaman yoo ta’an namoonni kun bulchiinsa abbaa irree kolonel Abiy Ahimed keessatti shiraan lubbuu isaanii dhabaniiru.

