Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Aanota Godina lixa Wallaggaa keessatti waraanni maafi’aa Itoophiyaa lubbuun lammiilee nagaa balleessuu, qabeenya saamii fi namoota nagaa hidhuu jabeesse

 
Aanota Godina lixa Wallaggaa keessatti waraanni maafi’aa Itoophiyaa lubbuun lammiilee nagaa balleessuu, qabeenya saamii fi namoota nagaa hidhuu jabeesse.

 
ONM – ABO – Amajjii 13, 2023 Dachii Oromoo Oromiyaa keessatti gocha hammeenyaa  murni biltsiginnaa walitti fufiinsaan raawwachaa jiruun jiruu fi jireenyi uummata Oromoo akkaan hubamaa kan jiru yoo ta’u, keessattuu sirnichi ilmaan Oromoo kumaatamaan galaafachaa, jumlaan  hidhaatti guuraa kan jiruu fi qabeenyi uummatichaas murnoota maafiyaa kanaan barbada’aa jiraachuu yeroo hedduu dhaga’aa fi argaa kan jirru yoo ta’u, gochi Kun ammallee golee Oromiyaa mara keessatti jabaatee itti fufeera.
 
Oduma kanaan wal qabatuun Amajjii 9, 2023 Godina lixa wallaggaa aanaa Baabbo Gambeel ganda Malkaa Eebichaa keessatti waraana impaayerattiitiin namootni nagaan kamaal Tufaa fi Jamaal Namarraa jedhaman  ajjeefamaniiru.
 
 Aanichuma ganda Daamotee Mana Jaarteetti ammo Muusaa Mitikkuu namni jedhamu ajjeefamuu jiraattotni dubbatan.
Akka jiraattonni gandoota kanneennii dubbatanitti namootni waraana sirna PPtiin ajjeefaman kunneen namoota ilaalcha siyaasaa kam keessatti qooda hin fudhannee fi jiruu dhuunfaa isaanii mo’achuuf namoota carraaqaa oolan ta’uu dubbatu.
 
Oduun   godinuma lixa Wallagga aanaa Qondaalaa keessaa nu qaqqabde ammoo akka jettutti, aanaa Qondaalaa keessatti waraana murna faashistii Itoophiyaatiin jiraattota irratti hidhaan akka malee jabaachaa kan jiru ta’uu fi namoonni hedduun mana hidhaa Biltsiginnaa keessatti hiraarfamaa jiraachuullee himaniiru.
 
Kanumaan wal qabatee Amajjii 10, 2023 namootni nagaan afur aanaa Qondaalaa keessaa qabamuun bakka Faayinaansii jedhamutti hiraarfamaa kan jiran hoggaa ta’u, namootni hidhaman kunneenis Baaruu Abdallaa, Obbo Abdarkariin Herregaa, Jamaal Usumaan fi Xahaa Baabagir kan jedhaman ta’u jiraattotni ibsuun namootni kunneen amma har’aatti harka waraana PP keessatti akkaan dararamaa jiraachuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
 

Exit mobile version