Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu magaalaa mandii keessatti waraanni sirna pp boombii dhoosuun nama lama ajjeessuun sadii madeessan

ONM-ABO Ebila 8, 2023

Impaayera Itoophiyaa lola WBO waliin geggeessaa jiruu fi saboonni cunqurfamoo kan biroon mirga hiree murteeffannaa isaaf falma hadhaawwaa geggeeffamaa jiruun goolama guddaa keessa seenee kan jiru yoo ta’u, namoota nagaa ajjeessuu fi hidhuu aadeffatee jira.  


Haaluma kanaan torbanoota darban irraa kaasee poolisiin humna addaa Oromiyaa diiguun gara miseensa raayyaa ittisa biyyaatti makuuf, naannoo Beenishaangul Gumuz magaalaa Asoosaa irraa Ebila 7, 2023 kaasuun gara godina lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu magaalaa Mandiitti erga buusee booda waraanni bilchina siyaasaa fi ga’umsa waraanummaa hin qabne boombii harkaa dhoosuun miseensi poolisii humna addaa tokko du’uun, tokko yoo madaa’u jiraattota magaalaa mandii nama lama irras  miidhaan qaqqabuun hospitaala magaalaa Mandiitti yaalamaa jiru.

Namoonni lubbuun darban miseensuma humna addaa Oromiyaa yoo ta’an, namonni madaa’an ammoo miseensuma isaanii fi jiraattota magaalaa mandii lama madeessuun Hospitaala mandiitti argamu.

waraanni faashistii pp mooraa fi magaalota keessa qubsiifamanii jiran abdii fi haamilee dhabuun ofii isaanii fi lammiilee nagaa irratti gaagga’ama geessisaa kan jiran yoo ta’u, torbee darbe aanaa Mana Sibuu magaalaa Beengu’aa keessatti milishaan murna bilxginnaa of ajjeessuu isaa gabaasnee turre.

Exit mobile version