Godina lixa Wallaggaa ona Laaloo Assaabii keessatti hogganaan poolisii humna addaa Oromiyaa ilmaan Oromoo ajjeesuu yoo jabeessu hidhaanis aanicha keessatti hammaate.
ONM-ABO Hagayya 6,2022 Waraanni murna bilxiginnaa ilmaan Oromoo akka barbaadetti ajjeesuun gaafatamaa seeraa hin fudhanne badii tokko malee namoota nagaa ajjeesuu itti fufanii jiru.
Haaluma kanaan godina lixa Wallaggaa ona Laaloo Assaabii keessatti dheengadda Hagayya 3 fi 4, 2022 ilmaan Oromoo nagaa mana hidhaa fi konkolaataa irraa buusuun ajjeesaanii jiru.
Hogganni poolisii humna addaa Oromiyaa gocha kana raawwachaa fi raawwachisaa jiru Abdallaa Qurcaa kan jedhamu yoo ta’u dheengadda galgala aanaa Laaloo Assaabii bulchiinsa magaalaa Dongooroo keessatti hidhamtoota shan mana hidhaatii baasuun ajjeesanii jiru.
Ilmaan Oromoo shan ajjeesan keessaa kan maqaa arganne Tasfaayee Mulaatuu ganda Allee Bareedaa irraa, Qajeelaa Mulaatuu ganda Dongooroo Dissii irraa fi kanneen biroo sadii kan maqaa hin arganne keessatti argamu.
Kana malees dheengadda ganama Hagayya 4,2022 konkolaataa imaltoota fe’uun magaalaa Najjoo irraa gara magaalaa Gimbii deemaa turte magaalaa Dongoorootti dhaabsisuun nama sadii irraa buusuun ajjeessanii gatanii jiru.
Hogganni poolisii murna faashistii bilxiginnaa kun ilmaan Oromoo mana hidhaatii baasee ajjeesuun cinaatti namoota waltajjii irraa kaasee cuubee qawween diree akkasumas qalee kan ajjeesuu yoo ta’u namoota baay’ee qe’ee isaanii irra deemuun manaa gadi baasee ajjeechaa sukkanneessaa irratti raawwachaa jira.
Hogganni poolisii humna addaa Oromiyaa Abdallaa Qurcaa kun yeroo darbes godinuma kana ona Ganjii keessatti ramadamuun yeroo hojjechaa turetti qeerroowwan Oromoo 87 badii tokko malee ajjeesee jiraachuu ragaan ni ibsa.
Oduu biraatiin ammoo onuma Laaloo Assaabii ganda Aallee Wuhaa mana barumsaa gandichaa keessatti ilmaan Oromoo, Alamuu Tasammaa, Hordofaa Araarsoo, Amaanu’eel Tarreessaa, Hordofaa Irranaa, Dirribaa Baay’isaa, Baaruu Baay’isaa, Yooseef Gaarumaa, Iddoosaa Waaree Daannoo Bantii, Ifreem Abbashuu fi Tasfaa Barii kanneen jedhaman hidhuun reebicha erga irraan ga’aniin booda nyaata, bishaan akkasumas maatii irraa dhorkuun dararaa jiraachuus maatiin hidhamtootaa dubbataniiru.

