Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBOn godina lixa Wallaggaa ona Laaloo Assaabii guutuutti dhuunfachuun aanaa 11ffaa to’achuu beeksise!

WBOn godina lixa Wallaggaa ona Laaloo Assaabii guutuutti dhuunfachuun aanaa 11ffaa to’achuu beeksise!

ONM-ABO Sadaasa 7, 2022 Qaqqaaliiwwan ilmaan sabaa WBOn lixa Oromiyaa keessatti duula tarkaanfii bifa haaraan waraana bilxiginnaa aanota keessaa buqqisee aanaa dhuunfachuu itti fufuun ona Laaloo Assaabii guutuutti dhuunfatee jira.

Tarkaanfii kaleessa Sadaasa 6, 2022 galgala toora sa’a 2:00 irratti gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo WBOn godina Lixa Wallaggaa ona Laaloo Assaabii mooraa waraana bilxiginnaa bulchiinsa magaalaa Innaangoo keessa jiru lama irratti fudhateen waraanni bilxiginnaa haleellaa jalqabaan mooraa buufata poolisii aanichaa ganda 02 keessa turan keessaa baafamanii turan.

Abdii sabaa WBOn tarkaanfii isaa itti fufuun haleellaa laalessaa moora waraana bilxiginnaa 02 keessa jiru irratti taasiseen lafa baqaa dhabuun aanicha guutuutti gadhiisuun magaalaa Gimbiitti galanii jiru.

Aanaan Laaloo Assaabii baatii lamaan dura bakka ilmaan Oromoo buufata poolisii baafamuun, konkolaataa keessaa buufamuunii fi qe’ee isaanii irratti poolisoota humna addaa Oromiyaa warra ofiin jedhaniin akka horiitti qalamaa turanii dha.

Ajajaan Poolisii humna addaa Oromiyaa ona Laaloo Assaabii keessatti ajjeechaa sukkanneessaa ilmaan Oromoo 255 ta’an ajjeesuun hammeenyummaa isaa agarsiise Saajin Abdallaa Qurcaa ta’uu gaaffii fi deebii hawaasa naannichaa waliin goonerra hubachuun ni dandaa’ama.

Waraanni Bilisummaa Oromoo daandii guddicha Asoosaa fi Dambii Doolloo geessu gidduutti aanota 11ffaa guutuutti dhuunfachuun harka isaa keessa galfatee jira.

Lolli bilisummaa Oromiyaa mara keessatti finiinee itti fufa!

Injifannoon Uummata Oromoof !

Exit mobile version