Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Tarkaanfii Gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo

Tarkaanfii Gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo

( ONM-ABO Adoolessa 26 2022 )

Gabaasa kaleessaa

Abdii fi gaaddisni saba Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana weerartuu PP irratti fudhatu jabeessee itti fufee jira.

Akks kanaanis Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii giddu galeessaa Oromiyaa godina baha Shaggar ona Liiban Cuqqaalaa keessatti torbe darbe tarkaanfii fudhatee jira.

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn zoonii Giddu Galeessa Oromiyaa godina baha Shaggar Aanaa Liiban Cuqqaalaa ganda Ilmoo Cuqqaalaa bakka addaa Hojja Duree Jiddaa jedhamutti kibxata darbe Adoolessa 19/2022 ganama keessaa naannoo sa’a 5:00tt lolli eegaluun hanga galgalaatti, gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo fi tiksoota impaayeera nafxanyaa gidduutti geggeeffameen injifannoon cululuqaan galmaa’aniiru.
Haaluma kanaan meeshaalee Waraanaa garaagaraa dugda diinaa irraa hiikamuudhaan mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasifameera.
Lola geggeeffame irratti abdii fi gaaddisni saba Oromoo WBOn loltoota nyaaphaa 40 ol battalumatti biyyee yoo nyaachisu, 7 ol immoo harkaan ari’ee qabee jira.

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBOn tarkaanfii waraana weerartuu bilxiginnaa irratti fudhatu jabeessuun reeffa ishee allaattii sooruu itti fufee jira.

Haaluma kanaan dheengaddaa Adoolessa 23,2022 lixa Shaggar onoota akka Meettaa Roobii, Jalduu fi Gindabarat keessatti loltoota bilxiginnaa irratti injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Ona Meettaa Roobii ganda Golaa bakka addaa Riqicha Qorichaa jedhamutti lola abdiin sabaa WBOn bilxiginnaa irratti geggeesseen loltoota bilxiginnaa irraa 39 ajjeesuun 21 madeesseera.

Lola kanaaf humni reebduun ona Jalduu magaalaa Goojjoo fi Bonii irraa ganda Kilbeetti wal dhuunfachuun osoo gara lolaa deemaa jirtu osoo Kilbee irraa hin siqin WBOn haxxee hidhee eeguun tarkaanfii laalessaa irratti fudhateen battalatti 23 yoo ajjeesu 14 madeesseera.

Tarkaanfii WBOn fudhatu itti fufuun guyyuma dheengaddaa ona Abuunaa Gindabarat ganda Garbii Gooleetti tarkaanfii laalessaa fudhateen 11 ajjeesuun 8 madeesseera.

Lola Adoolessa 23,2022 ona Meettaa Roobii fi Jalduu keessatti geggeeffameen waraanni bilxiginnaa reeffa ishee achumatti gatuun madoo isaanii konkolaataa 3F tokkoo fi ambulaansii sadiin fudhanii deemanii jiru.

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii lixaa godina lixa Wallaggaa ona Laaloo Assaabii keessatti tarkaanfii fudhachuu beeksisee jira.

Akka kanaanis kaleessa waaree booda Adoolessa 24,2022 toora sa’a 7:30 irratti korommiin lixa Oromiyaa WBOn godina lixa ona Laaloo Assaabii ganda Axxoosii ganda Biringee jedhamtu keessatti gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo tarkaanfii laalessaa waraana weerartuu PP irratti fudhateen 13 yoo ajjeesu 8 madeessee jira.

Lolli bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaaf geggeeffamu itti fufuun kaleessa Adoolessa 24,2022 abdii fi wanteen uummata Oromoo WBOn zoonii kibbaa konyaa Gujii bahaa keessaa socho’u Cibraan Odaa Adoolaa aanaa Waadaraa ganda Heebbaa Hiddaa iddoo addaa Xerekkoo jedhamutti waraana diinaa kan maqaa sakattaan bobbaate irratti tarkaanfii cimaa fudhateen loltoota weerartuu impaayeera Itoophiyaa 20 battalatti ajjeesee 15 ol madeessuun injifannoo boonsaa galmeesse jira

Lolli mirga hiree murteeffannaa uummata Oromoo gonfachiisu WBOn cimee itti fufa!

Horaa bulaa deebanaa

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version