ONM-ABO Muddee 15, 2024
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn Zoonii Harsadee fi Zoonii Bahaa, Baha Shaggar aanaa Fantaallee ganda Saalaa jedhamu keessatti tarkaanfii qindaa’aa waloon kaleessa Muddee 14,2024 waraana maafiyaaa Abiy Ahimed irratti fudhateen loltoota 25 irraa ajjeesee 16 madoon adabe jira.
Gaachanni saba Oromoo gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBOn zoonii harsadee tarkaanfii isaa itti fufuun ergamtoota waraana Bilxiginnaa irratti kaleessuma Muddee 14 godina Baha Shaggar aanaa Liiban Cuqqaalaa ganda Ilmoo Cuqqaalaa keessatti waraana faashistii Abiy Ahimed haxxee itti hidhuun battalumatti loltoota 10 ol irraa ajjeessuun 11 ammoo madoo dandammii hin qabneen adabee jira.
Tarkaanfii fudhatame kanaanis gama meeshaatiin kilaashii AKM 3,isnaayipeerii 1, boombii 4 fi rasaasa 300 dugda diinaa irraa hiikuun moonaa qabsoo bilisummaa Oromootiif galii godhee jira.
Tarkaanfii WBOn fudhatu jabaatee itti fufa❗
Injifannoon Uummata Oromoof ❗

