Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Irree fi gaachanni Oromoo WBOn Zoonii Harsadee godina Baha Shaggar fi Zoonii Bahaa tarkaanfii waloon fudhatee

ONM-ABO Muddee 5, 2024

Irree fi gaachanni Oromoo WBOn Zoonii Harsadee godina Baha Shaggar fi Zoonii Bahaa tarkaanfii waloon fudhateen Bireenii irraa hiikuu dabalatee injifannoo cululuqaa galmeesse.

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo qarriffaa murna abbaa irree kan jaarraa tokkoo oliif saba isaa irratti jabaate l fi maqaa jijjiirrate dhufe buqqisee biiftuu bilisummaa saba Oromoof ibsuuf tarkaanfii jajjabduu waraana diina irratti fudhatu cimsee itti fufee jira.

Haaluma kanaan leenconni abdiin sabaa ,korommiiwwan zoonii Harsadee fi zoonii bahaa har’a Muddee 5,2024 ganama barii godina Baha Shaggar aanaa Fantaallee iddoo addaa ganda Kaniifaa jedhamu keessatti tarkaanfii laaleessaa waloon waraana faashistii caasaa haaraa lafa qabsiisuu jedhuun bobba’uun humnaan uummata walitti qabuun leenjii kennaa turte irratti fudhachuu ajajaan zoonichaa Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

Tarkaanfii ganama kana fudhatame kanaan waraana faashistii PP irraa 15 ajjeesuun 12 madeessee loltoota afur booji’eera. Gama meeshaatiin bireena 1, kilaashii raashiyaa 8, jororoo bireena tokko fi hidhannoo 8 irraa hiikuun moonaa qabsoo bilisummaa Oromootiif galii taasisee jira.

Ittuma fufuun jajjabeen zoonii Harsadee Cibraan Leencaa kaleessa Muddee 4,2024 godina Baha Shaggar aanaa Boosat fi godina Kibba Bahaa aanaa Jajuu giddutti kan argamtu iddoo addaa ganda Hurutaa Dooree jedhamu keessatti waraana weerartuu diinaa mana barumsaa Tiblaa Dooree qabattee jirtutti seenuun hedduu du’aa fi madoon adabee jiraachuun ibsameera.

Tarkaanfii fudhatame kanaan bireena tokko, kilaashii tokko, nyoroorroo bireena lama, rasaasa bireena 332, rasaasa kilaashii 90 ,boombii 3 fi gumbii kilaashii 2 dugda diinaa irraa hiikuun moonaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisaniiru.

Godinuma Baha Shaggar aanaa Liiban Cuqaalaa keessatti WBOn zoonii Harsadee gaafa muddee 4,2024 waraana faashisti PP sakkattaaf bobbaate iddoo addaa ganda Daglaa Galaa Jiddaa jedhamutti saddeet ajjeeseera.
Ganda Ilmoo Jiddaattis guyyuma kana haxxee itti hidhuun barudaan raateessee 4 irraa ajjeesuun 6 madoo dandammii hin qabneen adabee jiraachuun barameera.

Bilisummaan Dhugaa Afaan Qawwee Jira❗

Injifannoon Uummata Oromoof ❗

Exit mobile version