Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii giddu galeessaa Oromiyaa godina baha Shaggar ona Liiban Cuqqaalaa keessatti tarkaanfii fudhachuu beeksise!
( ONM-ABO Adoolessa 24,2022 )
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn zoonii Giddu Galeessaa Oromiyaa godina Shaggar Aanaa Liiban Cuqqaalaa ganda Ilmoo Cuqqaalaa bakka addaa Hojja Duree Jiddaa jedhamutti kibxata darbe Adoolessa 19/2022 ganama keessaa naannoo sa’a 5:00tt lolli eegaluun hanga galgalaatti gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo fi tiksoota impaayeera nafxanyaa gidduutti geggeeffameen injifannoon cululuqaan galmaa’aniiru.
Haaluma kanaan meeshaalee Waraanaa garaagaraa dugda diinaa irraa hiikamuudhaan mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasifameera.
Lola geggeeffame irratti abdii fi gaaddisni saba Oromoo WBOn loltoota nyaaphaa 40 ol battalumatti biyyee yoo nyaachisu, 7 ol immoo harkaan ari’ee qabee jira.
Odeessa bubbulee nu qaqqabee dha.
Injifannoon Uummata Oromoof!

