Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBOn galgala kana aanaa Laaloo Assaabii magaalaa Innaangoo keessaa diina qulqulleessaa jira

WBOn galgala kana aanaa Laaloo Assaabii magaalaa Innaangoo keessaa diina qulqulleessaa jira.

ONM-ABO Sadaasa 6, 2022 Urjiiwwan ilmaan sabaa Waraanni Bilisummaa Oromoo tarkaanfii faashistoota impaayeera Itoophiyaa tiksuu fi Oromoo irra gabrummaa bubbulchuuf bobbaafaman aanota keessaa buqqisuu itti fufuun aanaa Laaloo Assaabii keessatti tarkaanfii jabaa fudhatee jira.

Tarkaanfii Sadaasa 6, 2022 godina Lixa Wallaggaa ona Laaloo Assaabii bulchiinsa magaalaa Innaangoo keessatti galgala toora sa’a 2:00tti waraana bilxiginnaa irratti fudhachuu eegalaniin qaqqaaliiwwan ilmaan sabaa WBOn mooraa isaanii ganda 02 kan buufata poolisii keessaa baasuun mooraa 01tti galchanii rasaasaan waadaa jiru.

Haleellaa jabaa galgala kana WBOn taasiseen waraanni bilxiginnaa hedduun du’aan gariin madoon adabamaniiru.

Tarkaanfii laalessaa fudhatame kanaan hidhamtoota siyaasaa Oromoo 50 ta’an buufata poolisii magaalaa Innaangoo keessaa gadhiisisuun meeshaalee waraanaa qawwee AKM 45, rasaasa AKM, uffata waraanaa fi kanneen biroo hedduu dhuunfachuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisaniiru.

Aanaan Laaloo Assaabii baatii lamaan dura bakka ilmaan Oromoo buufata poolisii baafamuun, konkolaataa keessaa buufamuunii fi qe’ee isaanii irratti poolisoota humna addaa Oromiyaa warra ofiin jedhaniin akka horiitti qalamaa turanii dha.

Ajajaan Poolisii humna addaa Oromiyaa ona Laaloo Assaabii keessatti ajjeechaa sukkanneessaa ilmaan Oromoo 255 ta’an ajjeesuun hammeenyummaa isaa agarsiise Saajin Abdallaa Qurcaa ta’uu gaaffii fi deebii hawaasa naannichaa waliin goonerra hubachuun ni dandaa’ama.

Yeroo ammaa garuu humni uummata nagaa gadi baasee qalaa ture waraanni bilxiginnaa baqatee lubbuu oolfachuuf yaalus mooricha keessatti rasaasa abdii sabaa WBOn waadamaa jira.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version