Godina lixa Wallaggaa ona Laaloo Assaabii keessatti hogganaan poolisii humna addaa Oromiyaa ilmaan Oromoo ajjeesuu itti fufe.
ONM-ABO Hagayya 4,2022 Waraanni murna bilxiginnaa ilmaan Oromoo akka barbaadetti ajjeesuun gaafatamaa seeraa hin fudhanne badii tokko malee namoota nagaa ajjeesuu itti fufanii jiru.
Haaluma kanaan godina lixa Wallaggaa ona Laaloo Assaabii keessatti kaleessa fi har’a Hagayya 3 fi 4, 2022 ilmaan Oromoo nagaa mana hidhaa fi konkolaataa irraa buusuun ajjeesaanii jiru.
Hogganni poolisii humna addaa Oromiyaa gocha kana raawwachaa fi raawwachisaa jiru Abdallaa Qurcaa kan jedhamu yoo ta’u kaleessa galgala aanaa Laaloo Assaabii bulchiinsa magaalaa Dongooroo keessatti hidhamtoota shan mana hidhaatii baasuun ajjeesanii jiru.
Kana malees har’a ganama Hagayya 4,2022 konkolaataa imaltoota baachuun magaalaa Najjoo irraa gara magaalaa Gimbii deemaa turte magaalaa Dongoorootti dhaabuun nama sadii irraa buusuun ajjeessanii gatanii jiru.
Hogganni poolisii murna faashistii bilxiginnaa kun ilmaan Oromoo mana hidhaatii baasanii ajjeesuun cinaatti namoota waltajjii irraa kaasee cuubee qawween diree akkasumas qalee kan ajjeesuu yoo ta’u namoota baay’ee qe’ee isaanii irra deemuun manaa gadi baasee ajjeechaa sukkanneessaa irratti raawwachaa jira.
Hogganni poolisii humna addaa Oromiyaa Abdallaa Qurcaa kun yeroo darbes godinuma kana ona Ganjii keessatti ramadamuun yeroo hojjechaa turetti qeerroowwan Oromoo 87 badii tokko malee ajjeesuun ni beekama.

