Godina Lixa Wallaggaa ona Laaloo Assaabii fi Gimbii keessatti murni Bilxiginnaa namoota nagaa ajjeesu itti fufee jira.
ONM-ABO Hagayya 17,2022Gareen maafiyaa maqaa mootummaa jedhu ofitti moggaasee saamicha, reebicha fi ajjeechaa hojii isaa idilee godhachuun geggeessaa jiru, hojii isaa daran itti fufuun uummata Oromoo qe’ee fi qabeenyaa isaa irraa buqqisuun mana hidhaatti dararuutti quufuu dadhabee rasaasaan lubbuu obbaasaa jira.
Hagayya 13,2022 godina Lixa Wallaggaa aanaa Laaloo Assaabii ganda Laaloo Wanjoo keessatti nama maqaan isaa Daggafaa Hambisaa Gammachuu jedhamu kan dhukkuba sammuu qabu waraanni PP aanaa Laaloo Assaabii ganda Daalattii qubate jiru maqaa sakattaa WBO jedhuun bobbaa’an rasaasaan rukuchuun ajjeesaniiru jiru.
Murni nama nyaataan sanyii duguuggaa ilmaan Oromoo irratti xiyyeeffachuun uummata Oromoo bakkayyuu ajjeesisaa jiru godinuma Lixa Wallaggaa aanaa Gimbii keessatti nama maqaan isaa Abeel Immiruu jedhamu badii tokko malee ajjeessanii jiru.
Akka Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa jiraattota aanoota kanneenii tokko tokko dubbise jedhanitti ilmaan Oromoo mana keessatti taa’anii akka bineensaatti ajjeefamuu irraa tokkummaan kaa’anii Waraana Bilisummaa Oromoo cinaa dhaabbachuutu furmaata jechuun yaada isaanii ibsaniiru.

