Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni murna bilxiginnaa godina Lixa Wallaggaa ona Boojjii Birmajjii fi Laaloo Assaabii keessatti namoota nagaa lama ajjeesan

Waraanni murna bilxiginnaa godina Lixa Wallaggaa ona Boojjii Birmajjii fi Laaloo Assaabii keessatti namoota nagaa lama ajjeesan.

ONM – ABO – Muddee 13, 2022 Murni ilmaan Oromoo waraana isaa fi finxaaleyyii Amaaraa itti bobbaasuun duguuggaa sanyii raawwachaa jiru bilxiginnaan godina lixa Wallaggaa keessatti kaleessa qofa namoota nagaa lama ajjeesee jira.

Kaleessa Muddee 12, 2022 waaree dura godina Lixa Wallaggaa ona Boojjii Birmajjii magaalaa Biilaa keessatti nama nagaa maqaan isaa Dabalii Irranaa Galataa jedhamu waraanni faashistii Abiy Ahimed rasaasaan magaalaa keessatti erga ajjeesaniin booda fira isaa Abdii Mangistuu Irranaa jedhamu ammoo reeffa biratti hidhuun dararaa turan.

Waraanni faashistii kun kanaan duras obboleessa Dabalii Irranaa, Mangistuu Irranaa kan jedhamu dhukkubsataa sammuu rasaasaan rukutanii ajjeesuun ni yaadatama.

Guyyuma kaleessaa waaree booda godinuma Lixa Wallaggaa ona Laaloo Assaabii keessatti dargaggeessa Oromoo maqaa isaa Dabalii Abbayyaa jedhamu ganda Arroojjii keessaa qabuun harka walitti hidhanii erga bulchiinsa magaalaa Dongooroo fidaniin booda achitti ajjeesanii deeman.

Dargaggeesi kun badii tokko qabatee osoo hin taane Oromummaan yakkamuun waraana bilxiginnaa karaa deemaa jiruun qe’ee saanii irraa qabamee akka ajjeefamee fi Yuunivarsiitii Dirree Dhawaa irraa barnoota Baayooloojii eebbifamuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himuun sirna lubbuun ilmaan Oromoo isaan hin mararre kana falmaa jabaa tokkummaan geggeessuun ofirraa darbutu lubbuun jiraachuu keenyaaf wabii dha jechuun dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version