Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Boojjii Coqorsaatti hawaasni jumlaan hidhamuu fi mancaatiin qabeenyaa waraana faashistii PP’n irratti rawwaate

ONM-ABO Onkoloolessa 9, 2024 

Waraanni garboomfataa PP torban tokkoof godina Lixa Wallaggaa fi Qellem Wallaggaa keessatti maqaa sakattaa WBO’n erga bobbaa’anii torban guutanii kan jiran yoo ta’u, miidhaa namoota nagaa fi qabeenyaa irratti geggeessaa jiraachuun ifoomeera.

Keessattuu onoota Lixa Wallaggaa aanaa Boojjii Birmajjii, Boojjii Coqorsaa, Laaloo Assaabii, Najjoo, Lataa Sibuu, Qilxuu Kaarraa fi Mana Sibuutti waraanni socho’anii jiran qabeenyaa hawaasaa jumlaan saamuu, namoota nagaa hidhuu fi ajjeesaa kan jiran torban kanaaf aanaa Boojjii Coqorsaa ganda Waliigaltee Diillaa jedhamutti namoota baay’inni isaanii 50 ol ta’an qabuun manneen hidhaa aanaa Najjoo fi Boojjii Coqorsaatti geessanii hidhuun himameera.

Turtii torban tokkoof turan kana keessatti gudeeddii hawwanii fi shamarran irratti taasisuun cinatti namoota hundaa jaarsa, jaartii, daa’immanii fi dargaggoota dabalatee qabuun kan deeman yoo ta’u, ogeessa fayyaa kan maqaan isaa Dabalaa, Saamu’eel Baayi’saa fi jiraataa obbo Gaarii jedhaman irratti saamicha raawwatanii qabanii deemuun ifoomeera.

Exit mobile version