ONM-ABO Ebla 19, 2024
Hacuuccaa fi cunqursaa murni bilxiginnaa uummata Oromoo irratti gochaa jiru kan daangaa darbee fi duguuggaa sanyii raawwachuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiru jabaachuu jiraattonni dubbatu.
Ebla 16, 2024 godina Lixa Wallaggaa aanaa Najjoo keessatti nama nagaa hirmaannaa siyaasaa keessaas hin qabne maqaan isaa Gannatii jedhamu kan hojii daldalaan jiraatu ganda 02 keessatti yakka tokko malee waraanni faashistii PP rasaasa itti roobsuun ajjeesee gatuun himame.
Obbo Gannatiin yakka ajjeechaaf isa geessus hojjetee akka hin qabne jiraattonni kan himan yoo ta’u, murtii seeraa tokko malee qabanii ajjeechaaf dhiyeessan jechuunis himu.
Oduuma ajjeechaan wal-qabatuun jiraataa aanaa Boojjii Coqorsaa ganda Saboo Meexxii kan ta’e obbo Ayyalaa Biraasaa sababa ilmaan isaa lama miseensa WBO ta’an qofaaf ganda Sibuu Heebichaa jedhamutti geessuun Ebla 17,2023 ajjeesanii gatuun himameera.
Abbaan miseensota waraana bilisummaa Oromoo obbo Ayyalaan qabamee guyyaa tokkoof harka waraana gabroomsaa PP irratti dararamaa erga turees lubbuun isaa waraana faashistii PP harkatti akka darbes dabaluun jiraattonni ONM’tti himaniiru.

