ONM-ABO Onkoloolessa 19, 2024
Waraanni ajaja Koloneel Abiy Ahimediin bobba’an Waraana Bilisummaa Oromoo injifachuu dadhabuun hawaasa meesha maleessatti deebi’anii gochoota gara jabinaa tilmaama hin qabne ilmaan Oromoo irratti raawwachuun hiraarsaa jiru.
Bu’uuruma kanaan, godina Lixa Wallaggaa aanaa Boojji Coqorsaa keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota hidhaatti guuruu jabeessanii itti fufanii jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Ganda Innaangoo Koobbaraa jedhamu keessaa ergamtoonni Bilxiginnaa badii tokko malee hawaasa nagaa yakkuun ukkaamsanii hidhaatti guuruu kan cimsan yoo ta’u, Onkoloolessa 17, 2024 namoota maqaan isaanii:
- Dabalaa Geetahun,
- Takilee Barkeessaa,
- Tolaa Lammeessaa,
- Dirribaa Gurmeessaa fi kanneen maqaan isaanii adda hin baane hedduu hidhanii dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa eeran.
Jiraattonni kunneen badii tokko malee maqaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun kan hidhaman ta’uun ibsameera.

