Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Baabboo Gambeel keessatti loltoonni Bilxiginnaa jiraattota ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuruu jabeessanii itti fufan

ONM-ABO Muddee 29, 2024 

Impaayerri Itiyoophiyaa afaan qawween ijaaramte afaanuma qawween of suphuuf jecha ammas ergamtoonni ishee goleewwan Oromiyaa cufa keessaa hawaasa nagaa saalaa fi umuriin osoo adda hin baasin jumlaan ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuruu hammeessanii jiru.

Aanaa Baabboo Gambeel bakkeewwan adda addaatti ergamtoonni sirna moofaa suphuuf halkaniif guyyaa ifaajan hawaasa jumlaan leenjii waraanaaf ukkaamsaa kan jiran yoo ta’u, Muddee 26, 2024  ganda Daamota Mana Jaartee jedhamu keessaa namoota hedduu milishaa taatu jechuun ukkaamsanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Aanichatti dhiittaa fi sarbamiinsi mirgoota namoomaa garaa garaa hawaasa nagaa irratti raawwatus kan dur barameen olitti jabaatee itti fufee jiraachuun dabalataan ibsameera.

Exit mobile version