Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Guutoo Giddaatti ergamtoonni maafiyaan PP jiraattota dirqamaan gara leenjii waraanaatti guuruu ittuma fufan

ONM-ABO Muddee 14, 2024 

Impaayera afaan qawween ijaaramte afaanuma qawween suphuuf halkanii fi guyyaa kan ifaajan gareen maafiyaan Bilxiginnaa, yeroo ammaa kanas akkuma guutuu Oromiyaatti hawaasa nagaa saalaa fi umuriin osoo adda hin qoodin jumlaan ukkaamsuun fedhii isaanii malee gara leenjii waraanaatti guuruu jabeessanii itti fufanii jiru.

Aanaa Guutoo Giddaatti ergamtoonni sirna bututaa suphuuf ifaajan hawaasa nagaa maqaa leenjii milishummaa jedhuun ukkaamsuu ittuma fufuun, ganda Eebbaa iddoo addaa Alamganaa jedhamu keessaa Muddee 11, 2024 namoota maqaan isaanii:

  1. Waaqwayyaa Guddinaa,
  2. Dassaalee Dhufeeraa,
  3. Tarreessaa Waggaarii,
  4. Biraanuu Amantee,
  5. Daawwit Bulii,
  6. Yaadasaa Qajeelaa,
  7. Caalaa Xiixaa,
  8. Gaarummaa Waldaa,
  9. Badhaasaa Waldaa fi kanneen biroo hafan lakkoofsaan 70 ol ta’an ukkaamsuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Namoonni leenjii waraanaaf ukkaamfaman kunneen irra jireessaan abbootii warraa ta’uu maddeen itti dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version