Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Guutoo Giddaatti loltoonni Bilxiginnaa jiraattota leenjii waraanaatti guuruu fi hidhuu jabeessan

ONM-ABO Muddee 23, 2024 

Koloneel Abiy Ahimed akka waan kufaatiin isaa hin oollee, ergamtoonni isaa goleewwan Oromiyaa cufa keessaa akkuma mootummoota abbootii irree darbaniitti hawaasa nagaa saalaa fi umuriin osoo adda hin fo’iin gara leenjii waraanaa fi hidhaatti guuraa jiru.

Aanaa Guutoo Giddaa ganda Qajeelaa iddoo addaa Dabbasee jedhamu keessaa Muddee 19, 2924 namoota maqaan isaanii:

  1. Waaqtolee Tarfaasaa,
  2. Addunyaa Tarfaasaa,
  3. Camadaa Tarfaasaa,
  4. Haayiluu Dhaabaa,
  5. Tarreessaa Bulchaa,
  6. Taakkalaa Hiikaa,
  7. Asfawuu Fiqaaduu,
  8. Gammachiis Mulaatuu,
  9. Oliiqaa Eebbaa fi kanneen biroo lakkoofsaan 30 ol ta’an loltoonni sirnichaa fedhii isaanii malee qe’ee fi bakka hojii isaaniitii ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti geessanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Oduu hidhaatiin ammoo ganduma kana iddoo addaa Asbooroo jedhamu keessaa Muddee 21, 2024 ilma keetu miseensa WBO’ti jechuun nama maqaan isaa Obbo Mokonnon Gannatii jedhamu badii tokko malee hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen himan.

Kana malees ganduma Jireenyaa iddoo addaa Dachaa Ukkee jedhamu irraas guyyuma kana nama maqaan isaa Hindhibuu jedhamu ergamtoonni sirnichaa sababa tokko malee qabuun hidhaatti darbatanii kan jiran ta’uu maddeen itti dabaluun eeraniiru.

Exit mobile version