ONM-ABO Muddee 25, 2024
Ergamtoonni Bilxiginnaa impaayera Itiyoophiyaa kufaatii irraa oolchuuf, tibba kana goleewwan Oromiyaa cufa keessaa akkuma mootummoota abbootii irree darbaniitti hawaasa nagaa saalaa fi umuriin osoo adda hin qoodin gara leenjii waraanaatti guuruu jabeessanii itti fufanii jiru.
Aanaa Guutoo Giddaa ganda Qixxeessaa jedhamu keessaa Muddee 23, 2024 namoota maqaan isaanii:
- Mul’ataa Mitikkuu,
- Gammachuu Badhaasaa,
- Nagarii Leencoo,
- Abdii Eebbaa,
- Taabotee Leencoo,
- Caaltuu Geetahuunii fi kanneen biroo
hedduu ta’an milishoonni sirnichaa fedhii isaanii malee leenjii waraanaaf ukkaamsanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

