ONM-ABO Waxabajjii 7, 2025
Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa ganda Eebbaa iddoo addaa Boorrata jedhamu irraa Waxabajjii 4, 2025 loltoonni PP qonnaan bultoota maqaan isaanii:
- Warqinaa Baqqalaa,
- Hindhibuu Kidaanuu,
- Alamaayyoo Guddinaa,
- Gammachuu Waggaarii fi
kanneen biroo hedduu ta’an leenjii milishummaaf ukkaamsanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Dhiibbaan waraanaa roga hedduu kan qabu yoo ta’u, jireenya dhala namaa, dinagdee, naannoo fi hawaasa irratti dhiibbaa yeroo gabaabaa fi yeroo dheeraa irratti qabaachuu osoo beekuu koloneel Abiy Ahimed ammas loltoota bobbaasuun uummata hedduu dararee dirqiin ukkaamsee yeroo guuraa jirutti maatiin abbaa dhabuun rakkoolee hedduuf saaxilamuun cinatti gariin ammoo ilmaan dhabuun xiin-sammuu miidhamaa jiru.
Koloneel Abiy Ahimed akkuma mootummaa Dargii duraanii kufaatii isaaf hin oolleef jecha hawaasa nagaa saalaa fi umuriin osoo adda hin baasin dirqamaan waraanummaa leenjisuun gara adda waraanaatti bobbaasee ficcisiisaa kan jiru yoo ta’u, loltoonni dirqamaan deemaa jiranii fi hawaasni loltoonni kunneen irratti bobbaafamaa jiran kunneen rakkoolee miidhaa qaamaa fi xiin-sammuu, buqqa’iinsa, miidhaa bu’uuraalee misoomaa, dhiibbaa hin mul’annee fi kan mul’atanis hubamaa akka jiranis ni beekama.

