Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Saasiggaatti loltoonni faashistii Abiy Ahimed qonnaan bultoota ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuruu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Onkoloolessa 24, 2024 

Ergamtootni Bilxiginnaa tooftaa ittiin impaayera jiguu geesse tiksatan bocuun dargaggootaa fi qonnaan bultoota Oromoo kumaatamaan lakkaa’aman fedhii isaanii malee humnaan ukkaamsanii gara leenjii waraanaatti guuruun ilmaan Oromoo akka baalaatti harcaasaa kan jiran ta’uun kan wal nama gaafachiisu miti.

Haaluma kanaan godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa gandoota adda addaa keessaa ilmaan Oromoo gara dirree waraanaatti guuraa jiraachuun ifoomeera.

Ergamtoonni bilxiginnaa namuma argan hunda ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuraa kan jiran yoo ta’u, ganda Horaa Waataa jedhamu irraa namootni maqaan isaanii:

  1. Aammaddiin Rashiid,
  2. Abdallaa Ahimad,
  3. Mo’aas Ibraahim,
  4. Adam Nuuree,
  5. Abdallaa Aliyyii,
  6. Abdii Ibraahim,
  7. Faamii,
  8. Mahaammad Abdullaa, 
  9. Nibiraas jedhamanii fi kanneen biroo hedduu ta’an osoo gabaa keessaa daldalachaa jiranii Onkoloolessa 19, 2024 loltoota sirnichaan fedhii malee ukkaamfamuun gara mooraa leenjii waraana Bilxiginnaatti geeffamuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.

Kana malees, aanaadhuma kana ganda Badhaasaa Jaarsoo jedhamuun beekamu keessaa Onkoloolessa 21, 2024 loltoonni sirnichaa namoota maqaan isaanii:

  1. Kabaa Badhaasaa,
  2. Lammeessaa Burraaqaa,
  3. Abdii Masqaloo, 
  4. Gammachuu Dabalaa,
  5. Oljirraa Mokonnon,
  6. Tamasgeen Dheeressaa,
  7. Addunyaa Gammadaa,
  8. Shibbiruu Wayyessaa fi
  9. Eebbisaa Baashaa jedhaman ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti fuudhanii sokkuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Aanichatti yakkoonni gara jabinaa tilmaama hin qabne uummata irratti raawwachuun, yeroo ammaa kanas jiraattonni hedduun gandoota hunda irraa dirqamaan gara leenjii milishummaatti guuramaa jiraachuu irra deddeebiin isiniif gabaasaa jiraachuun keenya kan yaadatamuudha.

Exit mobile version