Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Diggaa keessaa loltoonni faashistii pp qonnaan bultoota ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuruu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Adoolessa 31, 2025 

Godina Baha Wallaggaa aanaa Diggaa gandoota hunda keessaa ergamtoonni murna Bilxiginnaa torban darbe irraa eegaluun qonnaan bultoota argan hunda fedhii isaanii malee ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuraa jiraachuu jiraattota aanichaa gandoota adda addaa irraa dubbisne Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Murni garboomfataan impaayerattii sodaa lolli karaa hundaan natti banamuuf jadha jedhuun raafama hamaa keessa galuun qonnaan bultoota Oromoo kutaalee Oromiyaa cufa keessaa maqaa “biyya keessaniif loltu” jedhuun maatii irraa ukkaamsuun rakkoo dinagdee hamaaf saaxilee jiraachuun dabalataan ibsameera.

Murni Bilxiginnaa tooftaa ittiin impaayera jiguu geesse tiksan bocuuf dargaggootaa fi qonnaan bultoota Oromoo kumaatamaan lakkaa’aman fedhii isaanii malee humnaan ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuruun leenjii gahaa tokko malee ilmaan Oromoo akka baalaatti harcaasaa jiraachuun ni beekama.

Exit mobile version