ONM-ABO Sadaasa 19, 2024
Kutaalee Oromiyaa cufa keessaa lukkeeleen Bilxiginnaa dargaggoota, qotee bultoota, daldaltoota, dafqaan bultootaa fi namoota argan kamuu maqaa “Itiyoophiyaaf loltu” jedhuun humnaan ukkaamsanii gara leenjii waraanaatti guuraa kan jiran ta’uu yeroo adda addaatti isiniif gabaasaa akkuma jirru, yeroo ammaa kanas haala duraan barameen olitti ilmaan Oromoo adamsanii ukkaamsuun dirqamaan gara leenjii waraanaatti guuraa jiraachuun ifoomeera.
Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa ganda Gaaddisaa Odaa jedhamu irraa torban darbe namoota maqaan isaanii:
- Abdallaa Umar,
- Mulgeetaa,
- Yoonee Indaalee,
- Mahaammad Abaadirii fi kanneen biroo hedduu ta’an ergamtoonni sirnichaa dirqamaan ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti geessuu isaanii jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Godinuma kana aanaa Billoo Boshee ganda Boshee Timbaakkoo irraa lukkeeleen Bilxiginnaa kunneen Sadaasa 11, 2024 namoota maqaan isaanii:
- Lammaa Warquu,
- Dajanee Guddataa,
- Mulee Daggafaa fi kanneen biroo hedduu konkolaataa fe’umsaa Isuzu tokko guutuu ukkaamsuun leenjii waraanaatti geessuun ibiddaaf qopheessuu isaanii jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

