ONM-ABO Gurraandhala 7, 2025
Lukkeeleen Bilxiginnaa impaayera Itiyoophiyaa afaan qawween ijaaramuun yeroo ammaa kana ammoo jiguuf raafama irra jirtu afaanuma qawween deebisanii suphuuf yaaluu itti fufuun, tibba kana goleewwan Oromiyaa cufa keessaa lammiilee nagaa saalaa fi umuriin osoo adda hin qoodin jumlaan gara mooraa leenjii waraanaatti guuruu jabeessanii itti fufanii jiru.
Aanaa Mana Sibuu bulchiinsa magaalaa Mandii keessaa Gurraandhala 5, 2025 namoota maqaan isaanii:
- Taaddee Abbulee,
- Jootee Roobaa,
- Maammush Faqqee,
- Tolaa Fedhaa fi
kanneen biroo hedduu ta’an ergamtoonni sirnichaa maqaa leenjii waraanaa jedhuun dirqamaan ukkaamsuun, mooraa waajjira kantiibaa magaalaa Mandii keessatti walitti qabanii kan turan ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, guyyaan namoonni kunneen leenjii waraanaaf ukkaamfaman magaalichatti guyyaa gabaa guddicha ta’uu himuun, hawaasni dhiheessii fi meeshaalee garaa garaa wal irraa daldalachuuf gabaa ba’es sababuma kanaan burjaaja’uun, dhimma manaa ba’aniif illee osoo hin milkeeffatin lubbuun baqatanii jalaa miliquu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Dabalataan, yeroo ammaas akka magaalaa Mandiitti basaatonni PP hamoo ta’anii fi waraana Bilxiginnaa jala deemuun Uummata magaalichaa ba’uu fi galuu dhorkachuun rakkisaa jiran keessaa muraasni maqaan isaanii:
- Bultii Moggaasaa,
- Daagim Irraan-dhufaa,
- Eebbaa Darabii fi
- Buusharii namoota jedhaman ta’uun eeramee jira.

