Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Dambii keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa maqaa kaffaltii gibiraa dawoo godhachuun jiraattota saamuu fi gara leenjii waraanaattis guuruu akkaan cimsanii itti fufan

ONM-ABO Gurraandhala 10, 2025 

Aanaa Dambii gandoota addaa addaa keessatti ergamtoonni dinagdee impaayerattii deebisanii utubuuf dhama’an kaffaltii gosa garaa garaa nagahee hin qabneen jiraattota irratti humnaa ol saamicha raawwachuu hammeessuun, yeroo ammaa kanas ganda Burqaa Jaalalaa jedhamu keessatti maqaa kaffaltii gibiraa jedhuun nama tokko irraa qarshii 3,000 hanga 5,000’tti afaan qawwee itti qabanii sodaachisuun saamaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Armaan duras gandicha keessatti gosoota kaffaltii kanneen akka: 

kkf wabeefachuun saamicha hamaa geggeessaa kan turan yoo ta’u, sababuma kanaanis yeroo ammaa hawaasni hedduun dinagdeen isaa harkatti quucaree waan kaffalu dhabuu irraan kan ka’e ergamtoota sirnichaan dararaan itti hammaatee,  mana irraa baqachuun bakkee qorra keessa bulaa kan jiru ta’uunis dabalataan eeramee jira.

Kana malees, gandicha keessaa jiraattonni hedduun jumlaan ukkaamfamuun gara leenjii waraanaatti guuramaa kan jiran yoo ta’u, Gurraandhala 5, 2025 namoota maqaan isaanii:

  1. Qaadoo Amad,
  2. Umar Abdooshii fi 

kanneen biroo hedduunis dirqamaan qabamanii kan jiran ta’uu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Exit mobile version