Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Naqamteetti ergamtoonni Abiy Ahimed maqaa kaffaltii gibiraa jedhuun jiraattota humnaa ol saamaa jiraachuun himame

ONM-ABO Amajjii 4, 2025 

Kadhattuun impaayera Itiyoophiyaa biyyoota alaa irraa kadhattee hoggaa liqii dhabdu, ergamtoonni ishee goleewwan Oromiyaa  baadiyyaa fi magaalaa cufa keessatti bobba’uun uummata Oromoo irratti saamicha daangaa darbe raawwachaa jiru.

Bulchiinsa magaalaa Naqamtee keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa yeroo adda addaatti maqaa gosa kaffaltii garaa garaa itti tarreessuun afaan qawwee itti qabanii saamicha daangaa darbe raawwachaa kan jiran yoo ta’u, yeroo ammaa kanas maqaa kaffaltii gibiraa jedhuun kanneen manneen daldalaa xixiqqaa qaban irraa gadaanaan qarshii 200,000 fi kanneen Hoteelotaa fi kan biroo hojiin isaanii galii  oolaanaa qabu irraa ammoo olaanaan hanga miiliyoona  2,000,000 dirqamaan irraa guuraa kan jiran ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Namoonni hedduun kaffaltii humnaa olii itti murtaa’e kana waan kennan dhabuun manneen daldalaa isaanii irratti cufamaa jiraachuunis beekameera.

Kana malees magaalicha keessa namoota daandii gubbaa ta’anii kophee qulqulleessuun of jireessan illee “yoo gibira kaffaltan malee hin hojjettan” jechuun daandii irraa ari’uun inumaayyuu jiruu gadadoof saaxilaa kan jiran ta’uun itti dabaluun ibsameera.

Exit mobile version