ONM-ABO Muddee 26, 2024
Lolli murni Bilxiginnaa keessaaf alaan geggeessaa jiru impaayerattii kisaaraa guddoo keessa galchuun yeroo ammaa kana impaayerattiin dinagdeen bayyaannattee lola irra jirtuuf meeshaalee waraanaa garaa garaa guuttachuun deebistee of ijaaruuf akkasumas, uummata Oromoo ittiin lafa irraa duguuguuf jecha yeroo adda addaatti maqaa kaffaltii gosa garaa garaa nagahee hin qabneen dararaa ulfaataa raawwachaa jiru.
Haaluma kanaan wayita ammaa kanas guutummaa aanaa Saqqaa Coqorsaa keessatti maqaa “kaffaltii gibiraa” jedhuun Abiy Ahimed ergamtoota isaa qe’ee uummata Oromootti bobbaasuun mana tokkotti gadaanaan qarshii 8,000 olaanaa ammoo 17,000 afaan qawwee itti qabuun saamaa kan jiran ta’uu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himatan.
Akka jiraattonni himanitti, saamichi kun gandoota 36’n aanaan Saqqaa Coqorsaa qabdu hunda keessatti raawwatamaa jiraachuu himuun, hawaasni harka qalleessi ofiifuu jireenya harkaa gara afaanii jiraatu hedduun isaa waan kaffalu dhabuun hidhaatti guuramaa kan jiru ta’uu fi gariin ammoo qabeenya qabu hunda gurguree harka qullaatti hafuun of irraa kaffalaa jiraachuu dubbatu.

