ONM-ABO Gurraandhala 17, 2025
Bututtuu impaayera Itiyoophiyaa suphuuf Uummata Oromoo mankaraarsuu filannoo jalqabaa taasifatanii kan bobba’an ergamtoonni Bilxiginnaa, goleewwan Oromiyaa cufa keessaa sababoota garaa garaa itti maxxansuun hawaasa nagaa miidhuu itti fufanii jiru.
Magaalaa Saqqaa Coqorsaa ganda 01 fi 02 keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa sodaa lubbuu isaaniif jecha maqaa eegumsa halkanii jedhuun jiraattota humnaa ol dararaa kan jiran yoo ta’u, namoota eegumsa kana hin baanes gaaffii tokko malee hidhaatti darbataa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kana malees, magaalicha keessatti saamichi maqaa kaffaltii gosa garaa garaa wabeeffachuun lammiilee harka qalleeyyii irratti raawwatus haala duraan barameen olitti hammaatee jiraachuun dabalataan ibsameera.

